Fana: At a Speed of Life!

Boru magaalichatti tajaajilli geejjibaa bilisaan ni laatama

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) –Boru Qaammee 4 guyyaa tajaajiltummaa sababeeffachuun magaalaa Finfinneetti tajaajilli geejjibaa bilisaan ni laatama jedhame.

Guyyaa tajaajiltummaa kana dhaamaatii tajaajila geejjibaa ga’u hir’isuuf Awutoobisoota haaraa dabalatee tajaajilli bilisaa kan laatamu ta’uu ibsameera.

Awutoobisoota haaraa dabalatee tajaajila geejjibaa heddummataa Shaggarii fi dhaabbanni tajaajila geejjibaa Anbassaa ganama sa’aatii 12:00 hanga halkan sa’aatii 3tti kaffaltii malee tajaajila laatu jedhame.

Qaammee 4 Guyyaa Tajaajilaa jennee kan moggaafneef; lammiin hundi aadaa tajaajilaa gabbifachuun jijjiirama hunda galeessa fiduu akka dandeenyu gochuuf kaka’umsa uumuufi jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Barri haaraan kan gammachuu, Badhaadhinaa fi milkaa’inaa akka ta’u hawwaniiru.

Jiraattoonni tajaajila bilisaan kana akka fayyadaman bulchiinsi magaalichaa waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.