Fana: At a Speed of Life!

Artistoonni Qaammee 5’f Muuziqaa CD’n hojjechuun gumaachan

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Artistoonni Qaammee 5 guyyaa Tokkummaaf Muuziqaa CD’n hojjechuun gumaachaniiru.
Artistoonni kunneen Muuziqaa waa’ee tokkummaa, nageenyaa, jaalalaa fi waliif yaadurratti xiyyeefate yeroo gabaabaa keessatti hojjechuun Qaammee 5 guyyaa Tokkummaaf akka oolu bakka koreen guyyichaa argamanitti Ministira Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaayiif laataniiru.
CDn Muuziqichaa Viidiyoowwan 5 kan qabate yoo ta’uu, hojiilee sabdaneessummaa calaqqisiisaan ta’uu eerameera.
Muuziqichi Afaanoota garaagaraan hojjetamuu eerameera.
Maraa’ool Kadirtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.