Fana: At a Speed of Life!

Godinaaleen garaagaraa raayyaa ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Godinni GAONF, Harargee Bahaa,Guraagee fi Goofaa raayyaa ittisaaf deeggarsa taasiisan akkaakuu taasiisaniiru.
Godinni Addaa Oromoo Naannawaa Finfinnee sangoota 150 fi Godinni Harargee Bahaa sangoota 126 deeggarsa taasiisaniiru.
Weerara gareen ABUT marsaa 3ffaaf biyyarratti bane qolachuuf Raayyaa Ittisaa adda waraanatti falmachaa jiru cinaa ta’uu agarsiisuuf godinni Guraagee Sangoolee qalmaa kuma 3 fi 3 fi 73, Hoolaa fi Ra’ee kuma 1fi 59, sukkaara kuntaala 96, Bassoo kuma 1 fi 20 walitti qabuun deeggarsa taasiisuu Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa godina Guraagee Obbo Kiflee Lammaan ibsaniiru.
Deeggarsi akaakuu kun Maallaqatti yoo tilmaamamu Birrii miiliyoona 30.6 ol ta’uu eeraniiru.
Bifamu walfakkaatuun Godinni Goofaas Sangoota 253, Hoolaa fi Ra’ee 239, Bassoo kuntaalaa 293 fi Sukkaara kuntaala 18 deeggarsa taasiiseera.
Ummanni godinichaa rakkoo yeroo caalaa biyyaa fi tokkummaa ummataaf wareegama kan kaffalu ta’uu Bulchaan godina Goofaa Dooktar Geetinnat Bagaashaw himuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godinaalee kanneenirra argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.