Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan Nageenyaa naannoleetti kabajame

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Guyyaan Nageenyaa mata duree ‘Ityoophiyaaf nageenya’ jedhuun naannoleetti kabajame.

Guyyaan kun magaalaa Adaamaatti sirnoota adda addaan bakka kantibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee argamanitti kabajameera

Naannoo Afaaritti guyyichi bakka Pireezidaantiin naannichaa Obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoonni naannichaa argamanitti sagantaalee garaagaraan kabajame.

Naannoo Harariitti Qaammee 3 guyyaan nageenyaa sagantaalee garaagaraan kabajameera.

Sirna kabaja guyyichaarratti Pireezidaantii naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru jedhame.

Naannoo Kibbaa magaalaa Diillattis sagantaalee adda addaan kabajamaa jiraachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannolee kanneenirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.