Fana: At a Speed of Life!

Humna Waloo adda Walloo hiriiraniif deeggarsi Birrii miiliyoona 2 olitti tilmaamamu taasifame

Finfinnee, Qaammee 2, 2014 (FBC)- Bulchiinsi magaalaa Dabra Birhaan Humna Waloo Adda waraanaa Walloo hiriiraniif deeggarsa beeyladootaa fi meeshaalee garaagaraa taasise.

Deeggarsi taasifame kunis sangoota qalmaaf oolan, bishaanii fi daakkuu yoo ta’an, birri miliyoona 2.2tti akka tilmaamamu himameera.

Uummanni magaalichaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsi taasisu cimsee kan itti fufu ta’uunis himameera.

Itti Aanaa Bulchaan Godina Walloo Kaabaa Obbo Gaashaawu Asmaamawu, deeggarsi Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamaa jiru kutaalee biyyattii garaagaraarraa cimee itti fufaa jiraachuun himaniru.

Raayyaan Ittisaa nageenya biyyaaf addaa waraanaatti kufee kuffisaa akkuma jiru, ummanniis cinaa dhaabbachuun hojiilee jajjabeessoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.