Fana: At a Speed of Life!

Ambaasaaddar Silashiin diyaaspooraa sagalee dhageessisan dinqisiifatan

Finfinnee, Qaammee 2, 2014 (FBC)- Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Silashii Baqqalaan Ityoophiyaaf sagalee dhageessisuuf miseensota diyaaspooraa Waashingitan DC’tti hiriira bahan dinqisiifataniiru.

Miseensonni diyaaspooraa Washingitanii fi naannawaa isheetii walitti baba’an dhiibbaa Ityoophiyaarratti taasifamuu fi duulaa miidiyaalee mormuun sagalee isaanii dhageessisan dinqisiifachuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataanis Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, lammiilee Ityoophiyaa miira tokkummaa cimsuun, addunyaatti sagalee dhageessisaniif galata dhiyeessaniiru.

Kaleessa galgala Ameerikaa Waashingitanitti miseensonni diyaaspooraa, marsaa 3ffaa waraana gareen shororkeessaa ABUT bane mormuun hiriira nagaa bahaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.