Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan taalallii vaayireesii Koronaa qilleensaan fudhatamu hojiirra akka ooluu eeyyamte

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Chaayinaan taalallii vaayireesii Koronaa qilleensaan fudhatamu hojiirra akka ooluu eeyyamuu gabaafame.

Taalalichi waarshaa qorichaa kaansinoo jedhamuun oomishamuu ibsameera.

Qorichichi taalallii lilmoon kennamu waliin qabiyyee walfakkaataa kan qabu ta’uu eerameera.

Vaayiresii koronaa ittisuuf humna qabachuus ibsameera.

Bulchiinsi omishaalee qorichaa biyyaalessaa Chaayinaa, talaalliin kaansinoo qilleensaan fudhatamu hojiirra akka ooluu eeyyamuu BBCn gabaasera.

Taalallii vaayiresii koronaa qilleensaan fudhatamu eeyyamuun chaayinaan biyya jalqabaa ta’uu ibsameera.

Qorattoonni Ameerikaafi Ingiliz taalallii funyaaniin kennamu hojjechuuf qorannoo taasisaa jiraachuu gabaafameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.