Fana: At a Speed of Life!

Niijar miseensota garee shororkeessaa 120 ajjeesuu beeksifte

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2012 (FBC) – Niijar miseensota garee shororkeessaa 120 ajjeesuu beeksifte.

Naannoo Kibba Dhihaa Niijaritti kan bobba’ee humni waraanaa Niijarii fi ajajni raayyaa ittisaa Faransaay tarkaanfii fudhateen miseensonni garee shororkeessaa 120 ajjeefamuu ministeerri rayyaan ittisa biyyichaa beeksiseera.

Wayita lolli turetti garichi itti fayyadamaa kan ture meeshaalee waraanaa fi konkolaattonni harkaa fuudhatamaniiru.

Loltoota Niijaris ta’ee Faransaay keessaa qaamni miidhame kan hin jirre ta’uun himameera.

Taarkaanfichi iddoo daangaa Maalii fi Burkiinaa Faasootti kan argamuu naannoo Tilaabariitti kan fudhatame ta’uun ibsameera.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Niijar Isoofoo Kaatambee, garicha mo’achuuf qaamolee isaan deeggaran dinqisiifataniiru.

Asiin dura baatii Amajjii keessa miseensoonni garee jihaadisootaa haleellaa qaqqabsiisaniin loltoonni Niijar 174 ajjeefamuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan naannichatti labsiin yeroo ariifachiisaa ergaa labsamee wagga lama lakkoofsiseera jedhameera.

Bara Faranjootaa 2015 irraa eegalee miseensonni gaaree jihaadistootaa haleellaa daangaa darbuun qaqqabsiisaniin naannoo Tiraabaarii fi Taahuuwitti lammiileen kumni 78 qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru.

Faransaay gama ishiitin biyyoota Dhiha Afrikaa miseensoota garee shororkeessitootatiin miidhaman gargaaruuf looltoota ajaja cimoo kuma 4 fi 500 erguu ishiirra darbee, loltoota haraa 600 erguun ishii ibsameera.

Maddi:-CTGN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.