Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Jibuutii naannawaa daldala bilisaa Dirree Dawaatti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibse

Finfinnee, Qaammee 1, 2014(FBC)- Dhaabbanni Jibuutii “ Inispeekshin Sooluushin Firii Zoon” jedhamu hojii invastimantiin  naannawaa daldala bilisaa Dirree Dawaatti bobba’uuf fedhii qabaachuu ibse.

Hoggantoonni Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriifi Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaa hoggantoota Inispeekshin Sooluushin Firii Zoon waliin magaalaa Dirree Dawaatti mari’ataniiru.

Maricharratti  tajaajiloota naannawaa daldala bilisaa Dirree Dawaa, kaayyoo hundeeffamaafi filannoowwan invastimantii jiran irratti hooggantoota dhaabbatichaaf ibsi laatameera.

Dhaabbanni Inispeekshin Sooluushin Firii Zoon sosochii hojiilee isaa, muuxannoo damichaan qabuufi hojii invastimantii irratti bobba’uu barbaadurratti ibsa taasiseera.

Dhaabbatichi yeroo itti aanutti qorannoo piroojektii naannawaa daldala bilisaa Dirree Dawaatti hojiisaa eegaluu isa dandeessisu korporeeshinichaaf dhiyeessuun deebiin kan itti laatamu ta’uu ibsameera.

Qaamoleen lameen barreeffamootaafi yaadota marii dhiyaatan irratti marii bal’aa erga taasisaniin booda bu’uuraalee misoomaafi tajaajiloota naannwaa daldalaa bilisaa Dirree Dawaa daawwachuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.