Fana: At a Speed of Life!

Meedirook lammiilee lolaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasise

Finfinnee ,Qaammee 1,2014 (FBC)- Gareen invastimantii Meedirook naannoo Gambeelaatti lammiilee sababa lolaan qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 15 taasise.

Deeggarsicha ittaanaan hojii raawwachiisaa damee qonnaafi agroo-piroosesiing dhaabbatichaa pireezidaantii naannichaa obbo Umad Ujuluutti dabarsanii laataniiru.

Balichi aanaalee naannichaa 10 keessatti lammiilee kuma dhibba 1fi kuma 87 irraan miidhaa cimaa qaqqabsiisuu obbo Umad Ujuluun ibsaniir.

Dhaabbatichi deeggarsa kana taasisuun tarkaanfii guddaafi deeggartummaa isaa kan mul’isu ta’uu kaasaniiru.

Deeggarsa dhaabbatichi taasiseef galateeffachuun. Yeroo itti aanuttis dhaabbileen mootummaafi miti-mootummaa deeggarsa taasisan cimsan akka itti fufan gaafachuu ragaan Pirees Seekreetariyaatii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.