Fana: At a Speed of Life!

Addunyaan kan dhaabbatte waan gaarii namoota biroof taasiifamuuni – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 1, 2014 (FBC) – Addunyaan kan dhaabbatte waan gaarii namoota biroof taasiifamuuni jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Maallaqa, Beekkumsaa fi humna keenya lammiilee daraan isaan barbaachisuuf oolchuu caalaa jaalala biyyaa wanti argisiisu hin jiru jedhan Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Jijjiirrama as sagantaalee ba’an keessaa tokko itti gaafatummaa hawaasummaan rakkoolee hawaasaa furuudha jedhan.
Maaddii qooddachuu, Manneen harka qalleeyyii, barnootaa fi Fayyaa ijaaruun, Maasii qonnaan bultootaa harka qalleeyyii misoomsuu fi naannoo magariisa taasiisuun aadaa akka ta’an hojjetameera jedhan.
Hojmaata kana keessattis lammiileen sadarkaan jiran hedduun hirmaachuu ibsan.
Tajaajila tolaa bara kana keessa raawwatameerratti lammiilee hirmaatan hunda galateeffataniiru.
Ityoophiyaan eebbaa fi kadhannaa lammiilee tajaajila kana argataniin qormaatilee muudate hunda injifachuun imala ishee akka itti fuftu nan amana jedhan.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.