Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti lafti heektaarri kumni 100 oomisha ruuziin misoomaa jira-BQO

Finfinnee, Qaammee 1, 2014(FBC)- Naannoo Oromiyaatti ganna  kana lafti heektarri kumni 100 oomisha ruuziin misoomaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa Beeksise.

Jilli itti aanaa hogganaa  Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun durfamu, Godina Jimmaa aanaa Shabee Sombootti oomishaa Ruuzii kilaastaraan misoomaa jiru dawwateera.

Oomisha ruuzii bara kanaan oomisha calla kuntaala miliyoona 4 argachuuf karoorfamusaa obbo Geetuun ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa obbo Eliyaas Indiriyaas gamasaaniin, godinichatti misoomni ruuzii kanaan dura lafa heektaara kuma 2 hin caalle, yeroo amma gara lafa heektaara kuma 27 qaqqabe jiraachuu eeruun,oomisha kana irra callaan kuntaalli miliyoonni 1 kan eegamu ta’uu kaasaniiru.

Naannoo Oromiyaatti qonna gannaan lafti heektarri miliyoonni 6.3 midhaan gosa addaa addaan misoomaa jiraachuufi  kanneen keessaa %75 kilaastaran kan qotaman ta’uu Obbo Geetuun dubbataniiru.

Tamasgeen Allabbaachootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.