Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 80 olitti shallagaman to’ataman

Finfinnee, Hagayya 30, 2014(FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 80 olitti shallagaman to’atamuu Komishiniin Gumuruukaa beeksise.

Komishinichi hordoffii baatii Hagayya 20-26, 2014tti taasiseen meeshaalee kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 73.4tti tilmaamamaniifi meeshaalee alergii Birrii miiliyoona 7.1tti shallagaman to’atamuu eereera.

Meeshaaleen to’ataman uffata, boba’aa, beellada, meeshaalee elektirooniksii, buna, qoricha, konkolaattota, meeshaalee waraanaa, baala sammuu namaa hadoochu, zayita nyaataafi maallaqoota biyyoota garaagaraa ta’uu ibseera.

Meeshaaleen kunneen hojii qindoomina hojjettoota komishinichaa, poolisii federaalaa, miseensota poolisii naannoleefi hawaasaan to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Namoonni dhuunfaa meeshaalee kanneen daddabarsaa turan lama to’atamuu komishinichi ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.