Fana: At a Speed of Life!

Jarman dhiibbaa baasii Aanniisaa hir’isuuf Yuuroo biiliyoona 65 ramadde

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Jarman dhiibbaa baasii Aanniisaa dandamachuuf Yuuroo biiliyoona 65 ramaduu beeksiifte.
Wayita biyyoonni Awurooppaa sababa waraanaa Raashiyaa fi Yuukreeniin dhiyeessii humnaan rakkataa jiranitti Jarman maallaqa kana ramaduu ishee ibsameera.
Maallaqni ramadame kun deeggarsa boba’aa dabalatee aara galfii yeroo kaffaltii gibiraa fi dhiyeessii geejjiba bilisaa of keessatti hammata jedhame.
Chaansilarri Jarman Olaaf Shuulzim, Maallaqni dandamaddaaf ramadame kun lammiilee galii gadi aanaa qaban, barattootaa fi hojjettoota soorama ba’an tumsuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataan dhaabbilee dhiyeessii aanniisaarratti hojjetan 9f yeroo aara galfii kaffaltii gibiraa laachuuf kan oolu ta’uu kaasaniiru.
Boba’aan Raashiyaa gara Awurooppaa seenu hir’achuu hordofee gatiin boba’aa daraan dabaluu eerameera.
Sababa kanaan biyyoonni Awurooppaa hedduun daballii gatii boba’aan qoramaa jiraachuu himameera.
Hoggantoonni biyyoota miseensa Gamtaa Awurooppaa dhimmicha ilaalchisee Jimaata dhufu ni mari’atu jedhame.
Maddi:-BBC fi Al jazeera
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.