Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee buqqa’aniif sagantaan galii waliitti qabu gaggeeffame

Finfinnee, Hagayya 30, 2014 (FBC) – Gareen Hojii Qabatamaa Diyaaspooraa Ityoophiyaa Idil Addunyaa sababa balaa umamaa fi walitti bu’iinsaan ummata buqqa’aniif deeggarsa taasisuuf kan oolu sagantaa galii walitti qabuu gaggeesseera.

Sagantaa galii walitti qabuu kanarratti hawaasni diyaaspooraa Ityoophiyaa, qondaaltonni misiyoonaa Ityoophiyaa hirmaataniiru.

Ameerikaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dooktar Silashii Baqqalaa, sababa walitti bu’iinsaa fi balaa umamaan buqqa’an deeggaruuf saganticha kanneen qopheessan galateeffataniiru.

Hawaasni diyaaspooraas dameewwan garaagaraarratti deeggarsa taasisu cimsee itti fufuu akka qabu gaafataniiru.

Keessumaa haqa Ityoophiyaa hawaasa idil addunyaa gama hubachisuun, ce’umsa teeknooloojii fi beekumsarratti, dhaabbile ga’oomsuu, paabilik dippilomaasii fi dijitaalaan tumsa taasisan cimsuu akka qaban dhaamuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaa galii walitti qabuu gaggeeffame kanarratti Doolaarri kuma 100 ol walitti qabamuun eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.