Fana: At a Speed of Life!

Beellama 238ffaa Maanchistar Yuunayitidii fi Arseenaal

Finfinnee, Hagayya 29, 2014 (FBC) – Tapha Pirimeerliigii Ingilaandi torbee 6ffaan Maanchistar Yuunayitidii fi Arseenaal tapha kubbaa miilaa jabduu fi akkaan eegamuuf wal beellamaniiru.

Seenaa Pirimeerliigii Ingilaandi keessatti iddoo addaa kan qaban kilabootni lamaan bara Faranjootaa 1990 hanga bara 2000 gara jalqabaa ashaaraa Pirimeerliigii Ingilaandi tahuun injifannoo guluffiin dabaalame galmeessaa turan.

Keessattuu Maanchistar Yuunaayitid bara umurii leenjisummaa Siir Aleeksi Farguuseen Chaapmaan, Arseenaal bara leenjisummaa Arseen Veengeer ogummaa kubbaa miilaa hawwataa addunyaa kubbaa miilaaf gumaachuun seenaan kubbaa miilaa akka 2ffaa dhalatu taasisaniiru.

Tapha Pirimeerliigii Ingilaandiin yeroo 237 walkeessummeessanii yeroo 238ffaaf beellama kan qabatan Maanchistar Yuunayitidii fi Arseenaal taphoota liigichaa dabarsan keessaa Maanchistar yeroo 98, Arseenaal yeroo 86 walqoruun, yeroo 53 jaarsummaan gargar deebi’aniiru.

Tapha har’a galgala kilaboota lamaan walitti fiduun Heerik Teen Haag injifannoo 4ffaa, Mikeehel Arteettaan injifannoo 6ffaa galmeessuuf gara dirree seenu.

Reefuu liigichaan walbaraa kan jiran leenjisaan Maanchistar Yuunayitid Heerik Teen Haag tapha kanaan taphattoota fuula haaraa deeggartootaan wal-barsiisuun yoo eegaman, gama leenjisaa Arseenaal Mikeehel Arteettaan oduu miidhama taphattootaa qabaachuun ala waan haaraan hinjiru.

Iddoon beellama taphaa Maanchistar Yuunayitidii fi Arseenaal Istaadiyeemii guddicha Maanchistar Yuunayitid Ooldi Tiraafoordi yoo tahu taphichi galgala sa’a 12:30’tti eegala.

Iddoosaa Abdiitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.