Fana: At a Speed of Life!

Kolleejjiin Pooliitekinikaa Tagbaar’ed hundeeffama waggaa 80ffaasaa kabaje

Finfinnee, Hagayya 28,2014(FBC)- Kolleejjiin Pooliitekinikaa Tagbaar’ed guyyaa har’aa hundeeffama waggaa 80ffaasaa kabajeera.

Saganticharratti Ministira Ministeera Hojiifi Ogummaa Aadde Muufariyaat Kamiil, Hojii Gaggeessaa Magaalaa Finfinnee Obbo Xiraatuu Bayyanaafi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaafi magaalichaa argamuu ibsameera.

Kolleejjichi ogeeyyii garaagaraa eebbisiisaa tureen ilaalcha gadi aanaa sadarkaa biyyaalessaatti dhaabbilee teekinikaafi ogummaaf qabnu jijjiireera jedhan aadde Muufariyaat.

Imalli jijjiiramaa eegalame ogummaafi ogeeyyii kabajuun ogeeyyii gahumsa qaban horachuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.

Gaaffii bu’uuraa barsiisotaafi leenjistootaa deebisuuf qindoominaan ni hojjetama jadhan.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen dhimmicharratti ergaa dabarsaniin, kolleejjichi ogeeyyiifi namoota beekamoo biyyattiif oomishaa turuu yaadachiisaniiru.

Obbo Xiraatuu Bayyanaan gamasaaniin, kolleejjichi guyyaa hundeeffama isaarraa kaasee ulaagaa addaa qopheessuun dargaggoota ogummaa harkaaf fedhii qaban leenjisuun gahee isaa ba’achaa turuu dubbataniiru.

Milkaa’inni argames gama maraan cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.