Fana: At a Speed of Life!

Tibba ayyaanaa daddabarsa maallaqa sobaa ittisuuf ofeeggannoon taasisamuu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayya 27, 2014(FBC)- Tibba ayyaanaa bittaafi gurgurtaan walqabatee daddabarsa maallaqaa sobaa uumamuu malu ittisuuf hawaasni of eeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qabu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti namoonni dhuunfaa 3 Birrii abbaa dhibba 2, 396 daddabarsaa turan to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu poolisiin beeksiseera.

Shakkamtoonni kunneen kutaa magaalichaa aanaa 15 bakka “Kondominiyeemii Oromiyaa” jedhamuun beekamutti ta’uu ragaan poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Bittaafi gurgurtaa tibba ayyaanaa akka carraa gaariitti fayyadamuun namoota Birrii sobaa daddabarsan mudachuu waan danda’aniif hawaasni ofeeggannoo barbaachisaa akka taasisu yaadachiiseera.

Dhimmoonni shakkisiisoon yoo mudatan hawaasni qaamolee nageenyaaf eeruu akka kennan gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.