Fana: At a Speed of Life!

Amb. Hiruut qondaaltota Komishinii Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Beeljiyamitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Hiruut Zammanaa qondaaltota olaanaa Koomishinii Gamtaa Awurooppaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Ambaasaaddara Hiruut haala yeroo Ityoophiyaarratti ibsa kan kennan yoo ta’u, gochaa gareen shororkeessaa ABUT raawwacha jiruu fi waraana marsaa biroo eegale akka balaalleffatuuf gamticha gaafataniiru.

Akkasumas, Mootummaan Ityoophiyaa gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti adeemsa marii nageenyaa eegaleef kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Marichis haalaa yeroo ammaa Ityoophiyaa hubachuuf marii murteessa fi ijaaraa ta’uu eeruu ragaan Biraaselsitti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.