Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti waggoottan arfan darban biqiltuuwwan biiliyoonni 13.6 dhaabbate

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) –Oromiyaatti waggoottan arfan darban biqiltuuwwan biiliyoonni 13.6 dhaabbachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.
Waggoottan 4’n darban sagantaa ashaaraa magariisaa hirmaannaa hawaasaa bal’aa hojjetameen biqiltuuwwan biiliyoonni 13.6 lafa hektaara miiliyoona 4.29 irra dhaabbachuu Itti Aanaa Hogganaan Biirichaa Obbo Eeliyaas Kadir eeraniiru.
Biqiltuu akaakuu garaa garaa dhaabbate keessaa biiliyoonni 1.36 (10%) biqiltuuwwan wabii nyaata mirkaneessuuf oolan ta’uu ibsaniiru.
Biqiltuu dhaabbate keessaa % 84 latuu kaasaniiru.
Hojii eegumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaarratti hojjetameen uwwisni bosonaa % 17 irraa gara % 26.3tti ol guddachuu himuu isaanii ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii afaan oromo: https://bit.ly/3fjfcxr
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.