Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi galteewwan qonnaa Birrii biiliyoona 62 dhiyeesseera

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Ityoophiyaa bara baajataa xumurame galteewwan qonnaa fi meeshaalee qonnaa Birrii biiliyoona 62 ol baasaan fayyadamtootaaf dhiyeessuu ibse.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinichaa Obbo Kifilee Waldamaariyaam raawwii bara 2014 koorporeeshinicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, lafa hektaara kuma 14 sanyii filataamaan uwwisuun oomishaa kuntaala kuma 282 walitti qabu beeksisaniiru.

Koorporeeshinichi bara baajatichaatti xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 12 fi kuma 876 fi 620, keemikaala dhangala’aa liitirii miiliyoona 1.5 olii fi daakuu kiiloogiraama kuma 170 fayyadamtootaaf dhiyeessuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Dabalatan, meeshaalee biifaa keemikaalaa kuma 3 fi 870 qonnaan bultootaaf, abbootii qabeenyaa hojiilee qonnaarratti bobba’anii fi kanneen biroof dhiyeessuu Obbo Waldamaariyaam ibsaniiru.

Koorporeeshinichi tiraaktaroota 46 biyya alaarraa fichisiisuun fayyadamtootaaf dhiyeessuu eeranii, bara 2014’tti oomisha biyyaa alaatti ergamerraa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 1’tti dhiyaatu galii argamsiisuu himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.