Fana: At a Speed of Life!

Guddina Ityoophiyaa mirkaneessuurraa humni lafaa nu dhaabu hinjiraatu-Aadde Adaanech

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Guddina Ityoophiyaa mirkaneessuurraa kan nu dhabuu danda’u humni lafarraa tokkollee hinjiraatu jechuun Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee dubbatan.

Sadarkaa Magaalaa Finfinneetti shamarraan ayyaana ‘Ashandaa’, ‘Ashandiyyee’ fi ‘Soleliin’ wayita kabajanitti gareen shororkeessa ABUT Ityoophiyaarratti weerara bane kan balaaleffatuu fi sosochiin deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa gaggeeffameera.

Saganticharratti Aadde Adaanechiin dabalatee Ministiraa Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa, Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee, Hoggantuu Biiroo Aadaa, Aartii fi Tuuriizimii Finfinnee Dooktar Hiruut Kaasaa fi qondaaltonni olaanoo hojii mootummaa biroo fi ogeeyyiin artii hirmaataniiru.

Aadde Adaanechi akka ibsanitti ayyaana kana kabajuun Raayyaa Ittisaaf kabaja argisiisuuf, lammiilee nagaa miidhamaa jiraniif sagalee ta’uu fi baandaa balaaleffachuuf kan kaayyeeffateedha.

Ityoophiyaa dursuun addaa hundaatti dammaqinaa tokkummaan hiriiruun dirqamaa ta’a jedhaniiru.

Ityoophiyan harka nageenyaa diriirsite utuu hindachaasin, diinota seenaa waliin qindoomuun humnoota weeraroo, hawaasni idil addunyaa akka dhaaban dhaamaniiru.

Hawaasni magaalichaas nageenya naannawa isaa akka eegu fi Raayyaa Ittisaaf tumsa walirraa hincinne akka taasisan waamicha dhiyeessuu isaanii ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalichaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.