Fana: At a Speed of Life!

Waraana baname ittisuuf tarkaanfii fudhatamu ni deeggarra-Qindominicha

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa waraana baname ittisuuf tarkaanfii seera qabeessaa fudhatu kamiyyu kan deeggaran ta’uu Qindoominni Gamtaa Waldaalee Siiviikii Ameerikaa Kaabaa beeksise.

Qindoominichi haala yeroo Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa baaseera.
Ibsichaan gareen ABUT jijjiirama siyaasaa fi yaadamaa tokkummaa biyyaalessummaa fudhachuu diduun daandiiwwan jijjiiramaa gufachiisaa turuu ibse.

Jijjiirama gufachiisuu cinaattis, olaantummaa siyaasaa dhabee deebifachuuf dharraa akkasumaanii eegaleen, eegduu biyyaa fi ummataa of taasisuun ajaja Kaabaarratti haleellaan raawwate balaa keessoof saaxiluu ibseera.

Gareen shororkeessaa filmaata nageenyaa dhiyaateef fudhachuu diduun ammas naannoo Amaaraa fi Afaaritti waraana banuu kan eere qindominichi, Mootummaan Ityoophiyaa waraana baname ittisuuf tarkaanfii seera qabeessaa fudhatu kamiyyu kan deeggaru ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.