Fana: At a Speed of Life!

Adeemsi nageenyaa eegalame akka itti fufu yaa’ichi waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Adeemsa nageenyaa eegalame akka itti fufu Yaa’iin Amantaalee Ityoophiyaa waamichaa dhiyeesse.

Abbootiin Gaggeessitota Olaanoo Yaa’ichaa, “Haaldureen nageenyaa, nageenya qofa” mata duree jedhuun, haala yeroo biyyattii fi bara haaraa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsichaan, waraanni eegalame xumuramee adeemsi marii nageenyaa akka itti fufu gaafataniiru.

Keessumaa, dureewwanii fi abbootiin amantaa Naannoo Tigirayiitti argaman, ABUT gara marii nageenyaatti akka dhufu qajeelchuun itti gaafatama amantaa isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Abbootiin amantaa yaa’ichaas ABUT daa’immanii fi guddattoota waraanaaf hriirsuun yakka namoomaa fi waraanaati jechuun balaaleffataniiru.

Masfiin Iyyaayyuutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.