Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan haala yeroo irratti Ambaasaaddarootaaf ibsa laatan

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Itti Aanaan Mummicha Ministeeraafi Ministeeri Dhimmaa Alaa Obbo Dammaqaa Mokooniin haala yeroo ilaalchisuun ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatotaaf ibsa laataniiru.

Obbo Dammaqaan dippiloomaatootaa fi ambaasaaddaroota teessoon isaanii Magaalaa Finfinnee ta’eef, gochaa ABUT raawwachaa jiruu fi carra mootummaan nageenyaaf kennerratti ibsa laataniiru.

Mootummaan waraanichi nagaan akka xumuramuuf qophii taasisuus, shororkeessaan ABUT guddattoota filee leenjisuun waraana marsaa biroof qophaa’aa turuu himan.

Haaluma kanaan filmaata nageenyaa mootummana kaa’e cinaatti dhiisuun Hagayya 18 waraanaa marsaa 3ffaa eegaluu ibsaniiru.

Haaluma kanaan biyyoonni tokko tokko fi dhaabbileen gargaarsaa walitti bu’iinsi biroon akka hinuumamneef tattaaffii taasisan galateeffataniiru.

Gama biraatiin, biyyoonni tokko tokko garechaaf looguun miidiyaalee fi miidiyaa hawaasummaa dhuunfaa isaaniin deeggarsa taasisaa jiraachuu kaasaniiru.

Gareen ABUT dambalii ummataan Magaalaa Qobboo weeraruun, magaalaa keessatti waraana gaggeessuuf yaalus, akka kun hintaaneef mootummaan gadi dhiisee ba’uu hubachiisaniiru.
Garechi yeroo ammaa gamaa Waagii fi Walqaaytiin weerara biraa banuu ibsaniiru.

ABUT filmaata nageenyaa jiru cufuun qamolee mariisitoota jedhamanii moggafaman tuffachuun, waraanicha itti fufus, ammas ulaan nageenyaa mootummaa banaa ta’uu ibsaniiru.

Nageenya ummataa eegsisuuf, birmadumma Ityoophiyaa kabachiisuuf mootummaa kan daangessu akka hinjirre kaasaniiru.

Obbo Dammaqaan gaaffilee ambaasaaddarootaa, dureewwan misiyoonotaa fi dhaabbilee idil addunyarraa ka’aniif deebii kennuu Dubbii Himan Ministeerichaa Ambaasaaddara Mallas Alam ibsaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.