Fana: At a Speed of Life!

Galaanitti HGHI’f Birrii miiliyoonni 37 ol walitti qabame

Finfinnee, Hagayya 26, 2014(FBC)- Magaalaa Galaanitti Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaaf Birrii miiliyoonni 37 ol walitti qabameera.

Magaalichi Waancaa hidha haaromsaa Magaalaa Duukam irraa erga fudhatee hidhichaaf galii Birrii miiliyoona 15 walitti qabuuf karoorfate torban tokko keessatti hirmaannaa qaamolee adda addatiin Birrii miiliyoona 37 ol walitti qabamuu Ittaanaan Kantiibaa Magaalichaa Obbo Ida’oo Koojii ibsaniiru.

Hanga ijaarsi Hidhi Haaromsaa xumuramuttis hawaasni magaalichaa deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufu gaafataniiru.

Jiraattonni magaalichaas Hidha Haaromsaa ijaaruun hiyyummaa irratti duuluu waan ta’eef, mootummaa cina hiriiruun nageenya isaanii eeggachaa xumuraan akka ga’an ibsaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Buraayyuu Waancaa Hidha Haaromsaa Magaalaa Galaan irraa fudhateera.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.