Tajaajilichi ergamawwan dhaabbatichaa fooyyessuu beeksise
Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC) – Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo bara 2014 fooyyessa ergamawwanii, yaaddoo nageeyaa waqtaawoo dhaabanii fi balaawwan hambisan taasisuu beeksise.
Manni hojii tajaajilichaa adeemsa olaantummaa seeraa kabachiisuu, duula birmadummaa fi raawwii karoora bara 2014 keessatti hoggantootaa fi miseensota raawwii olaanaa galmeessan akkasumas qaamolee nageenya sadarkaa federaalaa fi naannolee dhaabbaticha waliin qindoominaan hojjechaa turanii fi qaamolee dhimmichi ilaallatuuf badhaasaa fi beekamtii kenneera.
Daayrektarri Jeneraalaa Tajaajilichaa Obbo Tamasgeen Xurunaa, kayyoon badhaasaa fi beekamtichaa, qaamolee milkaa’ina karoora bara baajatichaaf kanneen raawwi olaanaa galmeessanii fi muuxannoowwan gaggaarii cimsuun ergamawwan biyyaalesaa itti aananiif kaka’umsa uumuuf, akkasumas, qindoominaa qaamolee nageenyaa federaalaa fi naannolee cimsuuf akka ta’e ibsan.
Manni hojichaa yaaddoowwan nageenyaa waqtaawaa fi egeree bu’uureffachuun fooyyessaa ergamawwanii taasisee saffisaan gaggeessuuf dameewwan ijaarsaa dandeettii murteessaa ta’an adda baasuun hojiitti seenuun bu’aa argameef gumaachuu Obboo Tamasgeen eeraniiru.
Tajaajillichi ergamoota mana hojichaa bara 2014 irratti fooyya’iinsa taasiisuun gurmaa’iinsaan, ijaarsa humna namaa, bobbii ragaa, fayyadama Teeknooloojii, deeggarsaa fi tumsaan hojiileen bu’aa qabeessa ta’an raawwachuu Obbo Tamasgeen ibsaniiru.
Fooyya’iinsa ergamaa haala nageenyaa fi sodaalee waqtaawaa bu’uura godhan saffisaan gaggeessuun dameewwan ijaarsaa murteessoo ta’an adda baasuun bu’aa olaanaa galmeessuun danda’ameera jedhan.
Hoggantoonnii fi miseensoonni tajaajilichaa bara 2014 keessa duula birmadummaa biyyaa keessatti hojii seenaa qabeessa hojjechuu isaanii dubbataniiru.
Hojii hojjetaniif beekkamtiin laatamuun ammo ergama itti aanuuf caalmaatti kan isaan onnachiisu ta’uu himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.