Fana: At a Speed of Life!

Sirni badhaasaa fi beekamtii laachuu diraamaa Abbaa Jaamboo magaalaa Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2012 (FBC) – Sirni badhaasaa fi beekamtii laachuu diraamaa Abbaa Jaamboo magaalaa Finfinneetti gaggeeffame.

Diraamaan Abbaa Jaamboo; Barreessaa fi Gaazexeessaa Sabsibee Abbabaatin barreeffamaa ture torban torbaniin Jimaata galgala sa’aa 3:30dhan booda daqiiqaa 30f waggoota 19 oliif tamsaasa Raadiyoo Faanaa Broodkaastiing Koorporeetirra oolaa tureera.

Qabiyyeen diraamichaa siyaasa, barnoota, diinagdee, hawaasummaa, seenaa, aadaa, safuu fi duudhaa ummataa taajjabbii torbee torbee waliin waan of keessaa qabuuf, dhaggeeffattoota biratti baay’ee jaalatamaa ture.

Diraamichi Caamsaa 10,2010 kaasee adda cituun isaa ni yaadatama.

Sirna beekamtii fi badhaasa laachuu har’a magaalaa Finfinnee Hoteela Kaappitaalitti gaggeeffameera.

Sirna kanarrattis hoggansii fi hojjettoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeet, maatin diraamaa raadiyoo dheeraa Abbaa Jaamboo, ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiiruut Kaasaaw, hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii obbo Kabbadaa Deesisaa argamaniiru.

Qophiin har’aa qaama kabaja ayyaana hundeeffama waggaa 25ffaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeeti.

Sagantaa har’aatin waraqaan qorannaa aartii Oromoorratti xiyyeeffatu dhiyaatee irratti mari’atameera.

Abbaan Jaamboo sagantaalee dhaabbanni keenya waggoota dheeraaf tamsaasuun jaalatama ittiin argate keessaa adda duree ture jedhan hoji gaggeessaa olaanaa FBC obbo Baqqalaa Muullataan.

Diraamichaan ajandaalee hawaasaa ittiin kaasudhaan, jaalatamaa fi fudhatama guddaa horanneerra jedhan.

FBCn ammas dhaabbata jabaa ta’ee akka itti fufu ni hojjenna jedhaniiru obbo Baqqalaan.

Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiiruut Kaasaaw diraamaan Abbaa Jaamboo, aartii mana Oromoo mara keessa seenuu danda’e ture jedhan.

Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa obbo Kabbadaa Deesisaan ammoo aartii Oromoo jajjabeessuuf hojiin FBCdhaan hojjetame kun nu boonsera jedhan.

Biiron isaaniis tumsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibsanii, qooda fudhattoonni kaanis tumsa akka godhan waamicha dhiyeessaniiru.

Taatonni yeroo dheeraaf diraamicharratti hirmaachaa turan;
#Sabsibee Abbabaa- Abbaa Jaamboo,
#Yashii Raggaasaa- Haadha Jaamboo,
#Abbabach Ajjamaa- Guddoo Badhaanee,
#Massaluu Taarikuu(Funyee)- Bashaadduu,
#Daadhii Tufaa- Gaashe Poolisii,
#Daraartuu Kaabboo- Tiyyaa,
#Isaayyaas Ahimad- Tarfaasaa Dambii,
#Taammiraat Kabbadaa – DiimaaDooyyoo,
#Shallamaa Kabbee-Sibiiluu Gurree,
#Dabalee Gaarradoo- Nagarii Milkeessaa,
#Dansee Abarraa-Faaxee,
#Zamadkuun Misgaanaaw- Abduqqee,
#Addis Taammiraat- Ayyaantuu,
#Haannaa Adam- Dambalee,
#Abarraa Camadaa- Inispeektar,
#Mo‘ataa Shan’ee- Koloneelfaadha.

Taatonni yeroo gaggabaabadhaaf diraamicharratti hirmaachaa turan ammoo lakkoofsa hin qabani.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.