Fana: At a Speed of Life!

Raayyichi itti gaafatamummaa biyyaalessaafi uummatummaasaa ofeeggannoo cimaan ba’achaa jira- RIB

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa eegduu lammiilee Ityoophiyaa hundaa waan ta’eef itti gaafatamummaa biyyaalessaafi uummatummaasaa ofeeggannoo cimaan ba’achaa jiraachuu raayyichi ibseera.

Gareen shororkeessaa ABUT dargaggoota Tigraay waraanatti bobbaasuuniifi dambalii uummataan haleellaa banuun isaa biyya ani hoogganaa saamu haa diigamtu jedhurraa kan eegamu ta’uu eereera.

Faallaa isaa Raayyaan Ittisa Biyyaa raayyaa itti gaafatamummaa nageenya uummata Ityoophiyaa miiliyoona 120 olii akkasumas humna uummatummaafi piroofeeshinaalaa biyyaalessaa waan ta’eef uummata maraafi daa’imman Tigraay dhumaatii waa’ee hin baafnerraa baraaruuf dirqama haamileefi seeraa qabaachuu kaaseera.

Gareen shororkeessaa ABUT daa’imman kichuu fuuldura hiriirsisuun irbaata ibiddaa taasisuun umrii dheereffachuuf jecha gara jabina guddaa lammiisaarratti raawwachaa jiraachuu eereera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa  seeraan kan hundaa’e, seeraan kan hoogganamuufi mootummaa seeraan filatameef kan ajajamu akkasumas yeroo misoomsu kan leellifamuufi badhaafamu, ergama heeraan itti laatame haalaan ba’achuu yoo dhabe ammoo seera biyyattiifi idil addunyaan kan gaafatamu ta’uu ibsichi kaaseera.

Raayyaan Ittisa Biyyaa seera hordofee lammiileesaa gidiraafi dhumaatiirraa baraaruuf wareegamaafi gootummaa barbaachisaa ta’e hunda kaffaluun tokkummaa bulchiinsaafi birmadummaa biyyaa kan kabachiisu ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.