Fana: At a Speed of Life!

Koolleejjiin Paaradaayiz Vaalii barattoota kuma 4 ol eebbisiise

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Koolleejjiin Paaradaayiz Vaalii damee Shaashamannee barattoota muummee garaagaraatiin barsiisaa turee kuma 4 ol guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Kolleejjichi barattoota sagantaa  idilee, torbeefi barnoota fagoon barsiisaa ture kan eebbisiise yoo ta’u, barattoonni 921 digiriin fi barattoonni    kumni 3 fi 998 ammoo gulantaan eebbifamuu eerameera.

Koolleejjichi  barattoota  eebbisiisuu qofa osoo hin taane carraa hojii uumuun barattoota heddu hojiitti galchuu abbaan koolleejjichaa Obbo Ayyalee Korroosoo dubbataniiru.

Diiniin koolleejjichaa obbo Kadiir Usmaan gamasaaniin, eebbifamtoonni dandeettii fi  ogummaa horataniin iddoo deemanitti ummata biyyattii aantummaan akka tajaajilan dhaamaniiru.

Eebbifamtoonnis ogummaa barataniin hawaasa tajaajiluuf waadaa galaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.