Fana: At a Speed of Life!

ABUT irra deebiin waraana labsuun nageenyaaf bakka kan hin qabne ta’uusaa mirkaneessa- MNG

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – ABUT irra deebiin waraana labsuun nageenyaaf bakka kan hin qabne ta’uusaa kan mirkaneessu ta’uu Mootummaan Naannoo Gaambeellaa ibse.

Gareen shororkeessaa ABUT filannoo nageenyaa mootummaan dhiyeesseef cinaatti dhiisuun irra deebiin waraana labsuun isaa nageenyaaf bakka kan hin qabne ta’uusaa kan mirkaneessu ta’uu mootummaan naannichaa ibsa baaseen eereera.

Mootummaan naannichaa tattaaffii mootummaan federaalaa waraana garichi bane karaa nagaa furuuf taasisu kan dinqisiifatuufi lammiilee Ityoophiyaa biroo waliin ta’uun gahee irraa eegamu hunda bahachuuf mirkaneesseera.

Gareen shororkeessaa kun filannoo nageenyaa dhiyaateef cinaatti dhiisuun irra deebiin weerara eegaluun isaa Ityoophiyaa diiguuf duubatti kan hin jenne ta’uu ifaatti mul’isuu ibsa isaan eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.