Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan naannichaa Weerara ABUT qolachuufi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf qophiidha jedhe

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Beenishaangul Gumuz tattaaffii weerara gareen shororkeessaa ABUT naannolee Amaaraafi Afaaritti eegale qolachuufi birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasifamurratti wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu beeksise.

Naannichi ibsa haala yeroo irratti baaseen, gareen Shororkeessaa ABUT wayita aangoorra turetti tokkummaa Ityoophiyaa diiguufi sabaafi sablamoota walitti buusuuf guyyaafi halkan hojjechaa turuu yaadachiiseera.

Garichi ergamtoota fayyadamuun naannoo Beenishaangul Gumuz dabalatee bakkeewwan biyyattii garaagaraa keesatti  haleellaa lammiilee nagaarratti qiyyeeffate raawwachaa turuufi miidhaa hedduu qaqqabsiisuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.