Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen gocha badii ABUTiif deeggarsa taasisan gochaa isaaniirraa of qusachuu qabu- Laawurans Firiimaan

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Qaamoleen gocha badii biyya diiguu ABUTiif deeggarsa taasisan gochaa isaaniirraa of qusachuu akka qaban xiinxalaan dhimmoota siyaasaafi diinagdee Afrikaa Laawurans Firiimaan ibsan.

Garichi biyyoota diina Ityoophiyaa ta’an irraa deeggarsa waan argatuuf filannoo nageenyaa mootummaan Ityoophiyaa dhiyeesseef cinaatti dhiisuun irra deebiin waraana banuu kaasaniiru.

Filannoon nageenyaa mootummaan federaalaa dhiyeesseef adeemsarra osoo jiruu garichi waraan filachuun deeggarsa alaa kan qabu ta’uuf agarsiistuu ta’uu eeraniiru.

Garichi biyyattiin akka hin tasgabboofneef kaayyoo badii qabatee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Qaamoleen gocha badii garichaa deeggaran walitti bu’iinsa hammeessuurraafi deeggartoota badii ta’uurraa akka of qusatan gaafataniiru.

Hawaasni idil addunyaas gocha badii garichaa ilaalee callisuurra balaaleffachuu akka qabu ibsuu TOI gabaaseera.

Ityoophiyaan xiyyaara daangaa ishee darbee garee shororkeessaa ABUTiif meeshaa waraanaa kennuuf ture rukkutuun ishee sirrii ta’uu addeessaniiru..

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.