Fana: At a Speed of Life!

Ejansichi baatii Fulbaanaa eegalee Chaappaa isaa gara Chaappaa halluu gogaatti kan jijjiiru ta’uu beeksiise

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Ejansii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa magaalaa Finfinnee baatii Fulbaanaa eegalee Chaappaa isaa gara Chaappaa halluu gogaatti kan jijjiiru ta’uu beeksiise.

Chaappichi jijjiirramuun yakkoota sanadaan walqabatee uumamu hambisuuf qooda olaanaa qabaachuu daayrektaarri olaanaan Ejansichaa Dooktar Taakkalaa Nacceen himaniiru.

Ejansichi Chaappaa Sibiilaa alaa galchuu isaa ibsaniiru.

Hoggantoonnii fi ogeeyyiin Ejansii Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa waajjira Ejansichaatti argamuun muuxxannoo qooddachuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.