Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Tigraay ABUT daandii nageenyaatti akka deebi’u dhiibbaa uumuu qabu – Ministeera Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Lammiileen Tigraay iddoolee kamiiyyuu jiraatan ABUT daandii nageenyaatti akka deebi’u dhiibbaa uumuu akka qaban Ministirri Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay waamicha dhiyeessan.

Mariin ala gaaffiin ummataa waraanaan deebi’u kan hin jirre ta’uu Dooktar Abrahaam ibsa haala yeroo ilaalchisee laataniin himaniiru.

Dhalattoota Tigraay gidduutti garaagarteen siyaasaa jiraachuun adeemsa uumamaa ta’us,wareegamni lubbuu fi gidiraan hanga ammaatti ummatarra ga’e xumura argachuu qaba jedhan.

Dhimmi ummata Tigraay dhimma hundaa ta’uu kaasuun, filannoo garee yookaa humna tokkoon murtaa’uu ta’uu hin qabu jechuun ibsaniiru.

Ummanni gaaffii, filannoo fi yaadoota furmaataa qabatee dhiyaachuu akka qabu gaafataniiru.

Ummata Tigraayiif ammas waraanni dabalataa hin maluuf jedhan.

Miidhaa fi gadadoon ummatarra ga’u akka dhaabbatu dhalattoonni naannichaa qooda isaanii ba’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.