Yuunivarsiitiin Bahaar Daar Barattoota kuma 6 fi 500 ol eebbisiise
Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitiin Bahaar Daar Barattoota ogummaa garaagaraan barsiisaa ture kuma 6 fi 500 ol eebbisiiseera.
Yuunvarsiitichi barattoota sagantaa digrii jalqabaa, 2ffaa fi 3ffaa,akkasumas Ispeeshaalitii fi Maariitaayimiin barsiisaa ture kuma 6 fi 515 eebbisiiseera.
Sirna eebbaa kanarratti qondaaltoonni mootummaa,keessummoonni kabajaafi maatiin barattootaa argamaniiru jedhame.
Sagantaa eebbaa kanaan namoota lamaaf Dooktoreetii kabajaa laateera.
Taarikuu Laggasaa fi Saaraa Makonniintu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.