Fana: At a Speed of Life!

Dameen miidiyaafi kominikeeshinii haala qindaa’aa ta’een odeeffannoo tamsaasuu qaba- Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Ityoophiyaan rakkoo ishee mudate keessaa bahuuf tattaaffii taasistuuf dameen miidiyaafi kominikeeshinii haala adeemsa caasaa isaa eeggateeniifi qindaa’aa ta’een odeeffannoo tamsaasuu akka qabu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun yaadachiisan.

Yaa’iin miidiyaafi kominikeeshinii federaalaafi naannolee magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti walitti qabduu Koree dhaabbii  dhimma Seeraa, Haqaafi Diimokiraasii aadde Itsagannat Mangistuu, Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu dabalatee hoggantoonni dhaabbilee miidiyaalee federaalaafi naannolee argamuu eerameera.

Yaa’ichi guyyoota lamaaf kan turu yoo ta’u, raawwii hojii karoora miidiyaalee federaalaafi naannolee bara 2014 akkasumas raawwiin hojii bara baajataa 2015 mariif kan dhiyaatu ta’uu addeessameera.

Sagantaa guyyaa har’aatiin karoorri tarsiimawaa waggaa 5 Tajaajila kominikeeshinii Mootummaa dhiyaachuun irratti mari’atamaa jiraachuu ibsameera.

Bara baajataa xumurametti Ityoophiyaan dhibbaalee keessaafi alaa dandamachuun diinagdee, hidha haaromsaa guddichaa, ashaaraa magariisaa, oomisha qamadii boneefi piroojektiiwwan biyyaalessaa biroon  milkaa’uu eeruu isaanii TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.