Fana: At a Speed of Life!

ABUT hojiilee deeggarsa namoomaa akka kabaju USAID yaadachiise

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – ABUT hojiilee deeggarsa namoomaa akka kabaju Hoggantuun USAID Saamaantaa Paawor yaadachiisaniiru.

USAID saamicha boba’aa ABUT raawwate kan balaaleffatu ta’uus kaasaniiru.

Saamaantaa Paawor ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, boba’aan Sagantaa Nyaata Addunyaa Liitirri kumni dhibbi 5 fi kumni 70 garichaan saamamuufi hojjettoota deeggarsa taasisan irra dhamaatiin ga’aa jiraachuu eeraniiru.

Deeggarsa namoomaa gufachiisuun gara jabeenya guddaa ta’uu eeruun, garichi boba’aa saame akka deebisuufi hojiilee deeggarsa namoomaa akka kabaju yaadachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.