Fana: At a Speed of Life!

Piroojektiin Bishaan Dhugaatii Lammiilee kuma 11 fi 700 fayyadamoo taasiisu xumurame

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa Harargee Bahaa fi naannawaa daangaa naannoo Somaaleetti Piroojektii Bishaan Dhugaatii Lammiilee kuma 11 fi 700 fayyadamoo taasiisu hojjechuu beeksiise.
Dhiyeessiin Bishaan Dhugaatii Harargee Bahaa fi Naannawaa daangaa naannoo Somaaleetti sababa walitti bu’iinsaa fi jijjiirrama qabeenyaa qilleensaan gufachuu korichi ibseera.
Rakkoo dhiyeessii kana furuuf Koreen Qaxxaamura Diimaa Idil Addunyaa hawaasa naannichaaf Piroojektii Bishaan dhugaatii madda anniisaa aduun hojjetu hojjechuu eereera.
Piroojektiin kunis hawaasa naannichaa kuma 11 fi 700f Bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuuf kan gargaaru ta’uu himeera.
Odeefannoo dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.