Fana: At a Speed of Life!

ABUT deeggarsa namoomaa maqaa ummata Tigraayiin dhufe waraanaaf oolchuu itti fufe –TKM

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – ABUT deeggarsa namoomaa maqaa ummata Tigraayiin dhufe waraanaaf oolchuu itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Addi Bilisa Baasaa Ummata Tigraay kuusaa deeggarsa namoomaa Dhaabbata Nyaata Addunyaa magaalaa Maqaleetti argamu keessaa taankaroota boba’aa 12 fi boba’aa liitira kuma 570 saamuu isaa mootummaan cimsee kan balaaleffatu ta’uu eereera.

Tajaajilii Kominikeeshinii Mootummaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.
Guutuun ibsichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Saamichi kun kan raawwatame yeroo gareen shororkeessaa kun haleellaa biraaf
qophaa’aa turetti ta’uun beekameera.

Gareen shororkeessaa kun boba’aa gara naannichatti deeggarsaan dhufe, nyaata
fi galteewwan qonnaa barbaachisaa ta’e ummata Tigraayiif raabsamuuf ture
saamuu himeera.

ABUT garee namummaa hin qabnee fi maqaa ummata Tigraayiin daldalu ta’uu isaa kan mirkaneessu qofa osoo hin taane, yakka waraanaa ifa ta’ee fi seera namoomaa addunyaa kan cabsu ta’uu isaa kan mirkaneessudha.

Saamicha deeggarsa namoomaa gareen shororkeessaan kun kaleessa raawwate Sagantaa Nyaataa Addunyaa fi Biiroo Qindeessituu Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin mirkanaa’eera.

Saamichi boba’aa namoomaafi gargaarsa nyaataa kaleessa ummata Tigraayiif taasifameen haleellaa Qobboo fi kallattii birootiin fudhate raawwachuuf akka ta’es ni beekama.

Dhaabbileen idil addunyaa akkuma mirkaneessan, saamicha gareen shororkeessaa kun magaalaa Maqaleetti raawwateen alatti, hojjattoota deeggarsa namoomaa tarkaanfii kana dhaabuuf yaalan to’annoo jala oolchaniiru.

Akkuma beekamu deeggarsi namoomaa naannoo Tigraay sirnaan akka gahuuf jecha mootummaan dhukaasa dhaabuun alatti gargaarsa namoomaa addaan hin cinne karaa lafaa fi qilleensaa kennaa tureera.

Kana malees, mootummaan ji’oota darban keessa walitti bu’iinsa uumame karaa nagaa furmaata kennuufi deeggarsa namoomaa fi tajaajila bu’uuraalee adda addaa eegaluun wal amantaa
uumuuf qophii taasisaa akka ture ni beekama.

Haa ta’u malee tarkaanfiin mootummaan nageenya buusuud fudhate hundi garee shororkeessaa ABUT’n fudhatama hin arganne.

Kana malees, guyyoota muraasa dura daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa, miseensii fi deeggaraan garee shororkeessaa ABUT qajeeltoo Dhaabbanni idil-addunyaa lammiilee hunda qixaan tajaajiluu qaba jedhu maal na dhibdeen cabsee, hanqinni boba’aa Tigraay jiru deeggarsa namoomaa Tigraayiif taasifamu danquuf jira jechuun himannaa sobaa dhiyeessaa akka ture ni beekama.

Haa ta’u malee, saamichi kaleessa garee shororkeessaa ABUT’n raawwatame, gareen kun hattuu fi deeggarsa boba’aa fi nyaataa gargaarsa namoomaaf oolu waraanaaf akka fayyadamu addunyaa guutuutti ifatti agarsiiseera.

Erga waraanni kun jalqabee as mootummaan hawaasni addunyaa gargaarsa garee shororkeessaa TPLF dhimma waraanaaf ooluu, yakka raawwatame irra deddeebiin yaadachiisaafi akeekkachiisaa tureera.

Dhimma kana Mootummaan ibsaa turuu isaa fi yakka gargaarsa namoomaa waraanaaf itti fayyadamuu ragaa qorannoo idil-addunyaa walaba ta’een mirkanaa’eedha.

Haa ta’u malee, lammiilee Ityoophiyaa hunda bifa gaddisiiseen, akeekkachiisa mootummaa kanatti hawaasni addunyaa gurra itti hin kennine.

Tarkaanfiin itti gaafatamummaa barbaachisaan garee shororkeessaa kana irratti hin fudhatamne.

Garee shororkeessaan ABUT kaleessa gargaarsa namoomaa ummata Tigraayi dhufe saamuun isaa eenyummaa garee kanaa addunyaa maraaf ifatti kan agarsiise yoo ta’u, ABUT garee yakkamaa namummaa hin qabne ta’uu isaa seenaa garee shororkeessaa kanaa irraa hubachuun ni danda’ama.

Bara 1970moota irraa eegalee garee yakkamaa naasuu namummaa hin qabne, kan gargaarsa namoomaa uummata Tigraayiif dhufu saamaa tureedha.

Kanaaf mootummaan Boba’aa hatame deebisisuuf Dhaabbileen gargaarsa namoomaa ragaalee isaaniif dhiyaatan tilmaama keessa galchuun garee shororkeessaa kana irratti sirna itti gaafatamummaa ifa ta’e kaa’uu, Hawaasni Idi-Addunyaa yakkoota gareen shororkeessaa ABUT raawwateef akka itti gaafatamaa
ta’u taasisuu akkasumas gargaarsi namoomaa gara Tigraay deemaa jiru kaayyoo yaadameef oolaa jiraachuu fi ummata Tigraay bira ga’aa jiraachuu mirkaneeffachuu qabu.

Hagayya 19, 2014

Finfinnee

Tajaajila Komunikeeshinii Mootumma

Odeefannoo dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.