Fana: At a Speed of Life!

Gaambeellatti balaa Lolaa muudateen lammiileen kumni 74 ol buqqa’an

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) – Naannoo Gaambeellatti balaa Lolaa muudateen lammiileen kumni 74 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Tajaajilli Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa beeksiise.
Aanaalee naannichaa 8 keessatti balaan lolaa muudachuu eerameera.
Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umood Ujuluun aanaa Joor magaalaa Ungoogiitti argamuun balaa qaqqabe daawwataniiru.
Jilli Itti aanaa Pireezidaantii naannichaa Tankuuwaay Jookiin durfamus aanaalee Itaangiii fi Laareetti argamuun balaa muudate daawwateera.
Mootummaan naannichaa Lammiilee balaa lolaan miidhaman deeggaruuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu Obbo Umood ibsaniiru.
Balaa lolaa aanaalee naannichaa 8 keessatti muudateen lammiileen kumni 74 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu Hogganaan Tajaajila Hoggansa Sodaa Balaa naannichaa Obbo Gaatibeel Muun ibsaniiru.
Odeefannoo dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.