Fana: At a Speed of Life!

Saamichi hidhattoonni garee ABUT raawwatan qaanessaadha- Deeviid Baaslee

Finfinnee, Hagayya 19, 2014 (FBC) –Saamichi hidhattoonni garee ABUT raawwatan qaanessaa ta’uu Daayreektarri Olaanaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa Deeviid Baaslee ibsaniiru.

Hidhattoonni garee ABUT kaleessa ganama kuusaa dhaabbattichaa magaalaa Maqaleetti argamuu Boba’aa deeggarsa namoomaaf hiramuuf kuufamee ture liitira kuma dhibba 5 fi kuma 70 saamuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibsuun kan yaadatamuudha.

Saamichicha hordofee Daayreektarri Olaanaan Sagantaa Nyaataa Addunyaa Deeviid Baaslee ibsa baasaniin ABUT gochaa qaanessaa raawwachuu ibsaniiru.

Boba’aan yoo hin jiraanne namoota miiliyoonatti lakkawwaman deeggarsa barbaadaniif deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuun kan hin danda’amne ta’uu kaasaniiru.

Garichi Boba’aa saamee ariitiin deebisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Taankaroota boba’aa 12 saamuu isaanii ifoomsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.