Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan Doolaara Biiliyoona 3 Yuukreeniif deeggarsa taasiisuufi jedhame

Finfinnee, Hagayya 18, 2014 (FBC) – Ameerikaan Doolaara Biiliyoona 3 Waraana Yuukreeniif deeggarsa taasiisuuf ta’uu beeksiifte.
Waraanni Yuukreenii fi Raashiyaa erga eegalee Ameerikaan deeggarsa waraanaa olaanaa taasisaa jiraachuu ishee ibsameera.
Deeggarsi waraanaa kun guyyaa walabumma Yuukreeniin waliin wal simsiisuuf karoorfamuu ‘Rooyitersi’ Aanga’aa olaanaa Ameerikaa tokko wabeeffachuun gabaaseera.
Deeggarsi kun baajata Inisheetiivii Ameerikaan sodaa nageenyaa Yuukreeniif ramaddeen ala ta’uu ibsameera.
Deeggarsi yeroo ammaa Humna Raayyaa Ittisaa Yuukreen cimsuuf karoora yeroo gabaabaa ta’uu eerameera.
Deeggarsa meeshaalee Waraanaa kana dura taasiisaa turterraa adda kan ta’e ta’uu aanga’aan maqaa isaa eeruu hin feene kun ibseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.