Fana: At a Speed of Life!

Baaleetti pirojektiiwwan jallisii Birrii miiliyoona 250 ijaaraman tajaajilaaf qophaa’an

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) – Godina Baaleetti pirojektiiwwan jallisii ammayyaa 15 hojjetamaa jiran keessaa pirojektiiwwan saddeet Birrii miiliyoona 250 oliin hojjatamanii xumuraman tajaajilaaf qophaa’uu Waajjirri Horsiisee Bulaa fi Misooma Jallisii Godinicha beeksise.

Itti Gaafatamaan Waajjira Horsiisee Bulaa fi Misooma Jallisii Godina Baalee Obbo Daawud Abdurrii akka jedhanitti aanaalee godinichaa ja’a keessatti pirojektiiwwan jallisii ammayyaa 15 hojjatamaa jiran keessaa saddeet xumuramanii tajaajilaaf qophaa’aniiru.

Pirojektiiwwan xumuramanii tajaajilaaf qophaa’an kunniin baajata mootummaa federaalaa, naannoo fi deeggartoota dhaabbilee misoomaan Birrii miliyoona 250 olii kan hojjataman ta’uu Obbo Daawud himaniiru.

Pirojektiiwwan kunneen lafa hektaara kuma 1 fi 650 kan misoomsuu fi abbootii warraa kuma 3 ol fayyadamaa taasisa jedhan.

Godinichatti pirojektiiwwan xumuraman dabalatee pirojektiiwwan jallisii gurguddaa, jiddugaleessaa fi xixxiqqaa 15 Birrii biiliyoona 4.6’n kan ijaaraman yoo ta’u, guutumatti yoo xumuraman lafa hektaara kuma 16 fi 50 kan misoomsanii fi abbootii warraa kuma 35 ol fayyadamoo akka taasisu obbo Daawud himaniiru.

Godina Baaleetti lafa hektaara kuma 170 ol jallisiin misoomuu danda’u keessaa %25 qofti jallisiin misoomaa jiraachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Baaleerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.