Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi konkolaattota Birrii miiliyoona 423tti tilmaamaman naannoleef qoode

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC)- Ministeerri Bishaaniifi Inarjii konkolaattota 69 Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 23tti tilmaamaman naannoleef qoode.

Konkolaattonni kunneen dhaabbilee Sagantaa Bishaaniifi Saaniteeshinii bakka tokkotti hojjetan hordofuufi deeggaruuf taasifamuu Ministeera Bishaaniifi Inarjiitti Ministir Deetaan Damee Bishaaniifi Saaniteeshinii Ambaasaaddar Asfaawu Diingaamoon eeraniiru.

Konkolaattonni kunneen gahumsa naannolee cimsuuf sagantaa Bishaaniifi Saaniteeshinii bakka tokkoon bitamuu eeruun furtuu konkolaattotaa naannoleef kennaniiru.

Sagantaan Bishaan dhugaatiifi saaniiteeshinii 2ffaan guutuu biyyattii aanaalee 355 keessatti hojiirra oolaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.