Fana: At a Speed of Life!

Guyyaatti tajaajilli viizaa oonlaayinii 800-1500 kennamaa jira

Finfinnee, Hagayya 17, 2014 (FBC) –Tajaajilli oonlaayinii dhiyeenya kan jalqabe ta’us, guyyaatti tajaajila viizaa oonlaayinii 800-kuma 1 fi 500 kennamaa jiraachuun eerame.

Qonsilaatti, immigireeshinii fi tajaajila lammummaa ilaalchisuun filmaatawwan tajaajiloota oonlaayiniin dhiyaatan irratti mari’atameera.

Deetaan Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa Burtukaan Ayyaanoo maricharratti, tajaajila immigireeshinii fi qonsilaa ammayyeessuun saffisaa fi qulqullina bu’uureffachuun gaggeeffamuu akka qabu ibsan.

Teeknooloojii fayyadamuun tajaajiloota kennamaan saffisiisuuf, tajaajillii oonlaayinii tajaajilamtootaaf dhiyaachuun, adeemsa hojmaatichaa keessatti hanqinoota mudataniif furmaata kennuun barbaachisaadhas jedhan.

Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Lammummaa fi Immigireeshinii Biruu Tasfaa, hanqina qulqullina tajaajiloota tajaajilamtootaaf dhiyaatanii fi tajaajila oonlaayiniirratti komiiwwanii fi rakkoolee ka’an furuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Tajajilli oonlayinii dhiyeenya kan eegale ta’us, guyyatti tajaajila viizaa 800 hanga kuma 1fi 500 kennamaa jiraachuu ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Hirmaattonni marichaas yaada kennaniin tajaajila viizaa elektirooniksii argachuuf maamiltoota iyyannoo dhiyeeffatan, marsariitiiwwan sobaatiin akka hingowwoomfamne Embaasiiwwaniii fi Misiyoonota gaafachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.