Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaan tajaajila tola ooltummaa fayyaa Saqoxaatti eegalchiisan

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeeraa Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan sagantaa tajaajila tola ooltummaa gannaa “Gaarummaa fayyaa keenyaaf” jedhuun gaggeessuuf qabamee naannoo Amaaraa Magaalaa Saqoxaatti eegalchiisaniiru.

Ministirittiin saganticharratti akka ibsanitti, sadarkaa biyyaalessaatti tajaajila wal’aansa fayyaa bilisaa tola ooltummaa gannaan kennuuf hojjetamaa jira.

Sagantaa kanaanis lammiilee kaffalanii tajaajila argachuu hindandeenyeef kennuuf kan karoorfame yoo ta’u, Ayyaanaa Shaadeyiin walqabatee hawaasni sagantaa eegalamee kanarraa fayyadamaa akka ta’uuf gumaachaa qabaata jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannoo Amaaraa Dooktar Malkaamuu Abaatee, tajaajila wal’aansa bilisaa kanaan hawaasa naannichaa kuma 20 fayyadamtoota taasisuuf karoorfameera jedhan.

Tajaajilli tola ooltummaa fuuldurattis cimee kan itti fufu ta’uu kaasanii, sagantichi tajaajila fayyaa fooyyessuuf gumaacha qabas jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.