Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin ittisa yaaddoo nageenyaa daangaa ce’aa kennamaa jira

Finfinnee, Hagayya 16, 2014 (FBC) – Yuunivarsiitii Poolisii Ityoophiyaa, ‘IGAD’ waliin ta’uun leenjii ittisa yaaddoo tikaa fi nageenyaa daangaa ce’aarratti xiyyeeffate hoggantootaa fi intalajansii Poolisii federaalaa kennaa jira.

Komishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel saganticharratti haasawaa taasisanin, riifoormiidhaan bifa haaraan kan gurmaa’e dandeettii raawwachisummaa muummee intalajansii cimsuuf Yuunivarsitiin Poolisii Ityoophiyaa, Koolleejjii Yuunivarsiitii Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa fi kanneen biroo waliin ta’uun leenjii kennaa turuu yaadachiisan.

Leenjiiwwan dandeettii cimsuu kennamaniin tajaajilaa poolisii ragaarratti hundaa’ee bal’isuuf gumaacha akka qabu eeraniiru.

Leenjiiwwan xiinxala cimsan IGAD’n qophaa’uun ogeeyyiin poolisii hojiirratti rakkoolee mudataniin hambisuuf tumsaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Komishinar Dammalash dabaluun, karoora waggoota 10 milkeessuuf Yuunivarsiitiin Poolisii Ityoophiyaa muummee intalajansii banee ogeeyyii leenjisuun, tajaajila poolisii hawaasummaa ragaarratti bu’uureffate guddisuuf tattaaffiin taasisaa jiru jajjabeessaadha jedhan.

Kanaanis yakkoota biyya keessaa fi dangaa ce’oo ittisuu fi yakkootaa shororkeessummaa haala ammaayyaa’aan dhaabuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Leenjichis xiinxalaa yaadoo nageenya odeeffannoo fi tikaa, yaaddoo yakkaa, raawwii isaanii fi yaaddoowan biroo irratti haalota mul’atan dursanii hubachuun ittisaa fi qorannoo yakkaa bu’a qabeessaa ta’e gaggeessuuf tarsiimoowwan akka bocaman hoggansa poolisiif tumsa akka taasisu eeramuu ragaan Komishinii Poolisii Federaalaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.