Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Neezerlaand damee qonnaarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 16, 2014(FBC) – Abbootiin qabeenyaa Neezerlaand Ityoophiyaatti damee qonnaarratti hirmaachuuf fedhii qabachuu ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa biyyattii Ityoophiyaatti oomisha Kuduraa, Muduraafi bunaarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Neezarlaand Heenk Jaar ibsaniiru.

Ittaanaan Pireezidaantii naannoo Uummattoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon ambaasaaddaricha waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Keenk Jaar abbootiin qabeenyaa biyyasaanii naannichaa akka daawwataniif tattaaffii kan taasisan ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin qabeenyaa Neezerlaand naannichatti misooma hoortiikaalchariifi bunarratti hirmaachuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.

Ittaanaan Pireezidaantii naannoo Uummattoota Kibba Lixaa Ityoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoon gamasaaniin, abbootiin qabeenyaa biyyattii nannichatti filannoowwan invastimantii garaagaraarratti wayita hirmaatan deeggarsa barbaachisaa kan taasisan ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.