Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa shaakala loltummaa waloo eegalan

Finfinnee, Hagayya 16, 2014(FBC) – Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa shaakala loltummaa waloo guddaa ta’e eegaluu gabaafame.

Biyyoonni lameen shaakala loltummaa kana kan eegalan Kooriyaan Kaabaa biyyoota michoota ishee ta’an waliin yaalii meshaa waraanaaf wayita qophii cimaa taasisaa jirtutti ta’uu gabaafameera.

Kooriyaan Kibbaa weerara vaayirasii Koroonaan booda yeroo jalqabaaf shaakala loltummaa fi siiviilii guyyaa kaleessaa eegalteetti.

Shaakalli loltummaafi siiviilii kun haleellaawwan warshaaleefi cancala dhiyeesirratti aggaamamuu malu qolachuuf qophaa’ummaa biyyattiin qabdu guddisuuf kaayyeffachuu Rooyitars gabaaseera.

Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa shaakallii taasisuuf leenjii sadarkaa jalqabaa erga eegalanii booda Kooriyaan Kaabaa turban darbe Kiruuz Miisaa’elii lama furguggisuun ishee gabaafameera.

Kooriyaan Kaabaa bara kana irra deddeebiin yaaliiwwan miisaa’elii kan taasiste yoo ta’u, yaalii niwukilaraa 7ffaa yeroo kamiyyuu taasisuuf qophii ta’uu anga’oonni See’ul dubbataniiru.

Kooriyaan Kibbaa haleellaa miisaa’elii Kooriyaa Kaabaarraa isheetti aggaamamuuf yaaddoowwan haleellaa adda baasuurraa eegalee gahumsa loltummaa ishee guddisuuf xiyyeeffannoon kan hojjettu ta’uu eerameera.

Ameerikaa, Kooriyaan Kibbaafi Jaappaan dhiyeenyatti qarqala galaanaa Hawaayitti shaakala ittisa Baalaastik misaa’elii taasisuun isaanii kan yaadatamudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.